Jeremiah 4
1“Yaa Israaʼel, ati yoo deebite,gara kootti deebiʼi” jedha Waaqayyo.
“Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sana fuula koo duraa balleessitee
siʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte,
2yoo ati, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jettee
dhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte,
saboonni isaan ni eebbifamu;
isumaanis ni kabajamu.”
3 Waaqayyo namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha: “Bajjii keessan qotadhaa;
qoraattii keessas hin facaasinaa.
4Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem
Waaqayyoof dhagna of qabaa;
qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa;
yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiif
dheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa;
namni isa dhaamsus hin jiru.
Balaa Kaaba irraa Dhufu
5“Yihuudaa keessatti beeksisaa; Yerusaalem keessattis akkana jedhaa labsaa:‘Biyyattii guutuu keessatti malakata afuufaa!
Sagalee ol fudhadhaatii akkana jedhaa:
walitti qabamaa!
Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannaa!’
6Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa?
Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa!
Ani karaa kaabaatiin balaa,
badiisa suukaneessaas nan fidaatii.”
7Leenci bosona isaatii baʼeera;
barbadeessaan sabootaa karaa qabateera.
Inni biyya kee onsuuf jedhee
iddoo isaatii kaʼeera.
Magaalaawwan kee onanii
jiraattota malee ni hafu.
8Kanaafuu isin uffata gaddaa uffadhaatii
booʼaa wawwaadhaa;
dheekkamsi Waaqayyoo sodaachisaan sun
nurraa hin deebineetii.
9 Waaqayyo akkana jedha:
“Guyyaa sana mootiinii fi qondaaltonni onnee dhabu;
luboonni akka malee naʼu;
raajonnis ni raafamu.”
10Anis akkana nan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati utuu goraadeen kokkee keenya irra jiruu, ‘Isin nagaa qabaattu’ jechuudhaan saba kanaa fi Yerusaalemin guutumaan guutuutti gowwoomsiteerta?” 11Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemitti akkana jedhamee ni himama; “Bubbeen waa gubu tokko iddoowwan ol kaʼoo qullaa kanneen gammoojjii keessaa irraa gara saba kootiitti ni bubbisa; garuu afarsuuf yookaan qulqulleessuuf miti; 12bubbeen waan sanaaf akka malee cimaa taʼe tokko na biraa ni dhufa. Anis murtii koo isaanitti nan labsa.” 13Kunoo, inni akka duumessaatti,
gaariin isaas akka bubbeetti ni dhufa;
fardeen isaa risaa caalaa saffisu.
Wayyoo nu baduu keenya!
14Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu.
Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata?
15Sagaleen tokko Daan irraa lallaba;
tulluuwwan Efreem irraas badiisa labsa.
16“Waan kana sabootatti himaa;
Yerusaalemittis akkana jedhaa lallabaa:
‘Loltoonni marsanii biyya qabatan tokko lafa fagoodhaa ni dhufu;
isaanis magaalaawwan Yihuudaatti ni iyyu.
17Sababii isheen natti fincilteef,
isaan akkuma nama lafa qotiisaa eegu tokkootti ishee ni marsu,’ ”
jedha Waaqayyo.
18“Amalli keetii fi hojiin kee
waan kana sitti fidaniiru.
Adabbiin kee kanaa dha.
Innis hammam hadhaaʼa!
Onnees hammam waraana!”
19Marʼumaan ko, marʼumaan ko!
Ani dhukkubbiidhaan nan wixxirfadha.
Onneen koo na keessaa waca;
onneen koo na keessatti dhaʼata;
ani calʼisuu hin dandaʼu.
Ani sagalee malakataa dhagaʼeeraatii;
waca waraanaas dhagaʼeera.
20Badiisni badiisa irraan dhufa;
biyyattiin guutumaan guutuutti ni onti.
Dunkaanni koo akkuma tasaa,
golgaan koos yeroo gabaabaa keessatti bade.
21Ani hamma yoomiittin mallattoo waraanaa ilaala?
Hamma yoomiittis sagalee malakataa dhagaʼa?
22“Uummanni koo gowwaa dha;
anas hin beekan.
Isaan ijoollee qalbii hin qabnee dha;
hubannaas hin qaban.
Isaan waan hamaa hojjechuutti ogeeyyii dha;
waan gaarii hojjechuu garuu hin beekan.”
23Ani lafa nan ilaale;
isheenis bifa hin qabdu; duwwaas turte;
samiiwwanis nan ilaale;
ifni isaanii dhaamee ture.
24Ani tulluuwwan nan ilaale;
isaan sochoʼaa turan;
gaarran hundinuus raafamaa turan.
25Ani nan ilaale; namni tokko iyyuu hin turre;
simbirroonni samii hundis barrisanii badanii turan.
26Ani nan ilaale; kunoo biyyi midhaan baaftu ontee turte;
magaalaawwan ishee hundis, fuula Waaqayyoo duratti
dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan diigaman.
27 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ani guutumaan guutuutti ishee balleessuu baadhe iyyuu
biyyattiin guutumaan guutuutti ni barbadoofti.
28Kanaafuu lafti ni boossi;
samiiwwan oliis ni dukkanaaʼu;
ani dubbadheeraatii hin gaabbu;
murteesseera; dugda duubas hin deebiʼu.”
29Sababii iyya abbootii fardeeniitii fi futtaaftota xiyyaatiin,
tokkoon tokkoon magaalaa ni baqata.
Garri tokko bosona gobbuu seena;
kaan immoo kattaatti ol baʼa;
magaalaawwan hundi duwwaa hafaniiru;
namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu.
30Yaa ontuu nana, ati maal gochaa jirta?
Ati maaliif wayyaa bildiimaa uffattee
faaya warqee kaaʼatte?
Maaliif ija kee kuulatte?
Ati akkasumaan of miidhagsita.
Warri jaallatan si tuffatu;
lubbuu kees balleessuu barbaadu.
31Ani iyya akka iyya dubartii ciniinsifattu tokkoo,
miixuu akka miixuu dubartii mucaa
hangafa deessuu tokko nan dhagaʼe;
ani iyya Intala Xiyoon kan yeroo hafuurri ishee citutti argantee
harka ishee facaasuudhaan,
“Wayyoo! Ani bade;
lubbuun koo harka warra nama ajjeesuutti
dabarfamtee kennamteerti” jettuu nan dhagaʼe.
Copyright information for
GazHAHl