‏ Jeremiah 40:7-9

Ajjeefamuu Gedaaliyaas

40:7‑9; 41:1‑3 kwf – 2Mt 25:22‑26

7Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti, 8Gedaaliyaas bira gara Miisphaa dhufan. Isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaanii fi Yoonaataan ilmaan Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti, ilmaan Eefayi namicha Netoof sanaatii fi Yezaaniyaa ilma namicha Maʼakaat, akkasumas namoota isaanii turan. 9Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam akkana jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate; “Baabilonota tajaajiluu hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii.
Copyright information for GazHAHl