‏ Jeremiah 41:1-3

1Jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa, ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalatee fi ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ture sun namoota kudhan wajjin Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam bira Miisphaa dhufe. Achittis utuma wajjin waa nyaatanuu 2Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni kurnan isa wajjin turan sun kaʼanii goraadeedhaan Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan isa mootiin Baabilon bulchaa kutaa biyyaa godhee muude sana rukutanii ajjeesan. 3Ishmaaʼeel akkasumas Yihuudoota Gedaaliyaas wajjin Miisphaa turan hundaa fi loltoota Baabilonotaa kanneen achi turan illee ni fixe.
Copyright information for GazHAHl