‏ Jeremiah 41:16-18

Gara Gibxitti Baqachuu

16Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha. 17Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan; 18kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan.
Copyright information for GazHAHl