‏ Jeremiah 46

Ergaa Waaʼee Gibxi

1Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:

2Waaʼee Gibxi:

Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe:
3“Gaachana keessan xinnaa fi
guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa!
4Fardeen feʼadhaa;
isaan yaabbadhaas!
Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii
iddoo iddoo keessan qabadhaa.
Eeboo keessan qaradhaa;
qomee sibiilaa illee uffadhaa!
5Ani maal argaan jira?
Isaan naʼanii jiru;
dugda duubatti deebiʼaa jiru;
gootonni isaanii moʼatamaniiru.
Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu;
qixa hundaanuu gooliitu jira”
jedha Waaqayyo.
6“Fiigaan baqachuu hin dandaʼu;
yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu.
Isaan karaa kaabaatiin
Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu.

7“Kan akka Abbayyaa,
akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu?
8Gibxi akkuma Abbayyaa,
akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati.
Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga;
magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti.
9Yaa fardeen, isin garmaamaa!
Yaa gaariiwwan, isinis guulaa!
Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan,
yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii

fuula duratti qajeelaa.
10Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa,

kan Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu,
guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha.
Goraadeen hamma quufutti,
hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata.
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii.

11“Yaa Gibxi durba qulqullittii,
Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu.
Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta;
garuu hin fayyitu.
12Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu;
booʼichi kee lafa guuta.
Goonni tokko goota kaanitti gufata;
isaan lamaanuu wal qabatanii kufu.”

13“Dubbiin Waaqayyo akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas raajichatti dubbate kanaa dha: 14“Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi;
Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa:
‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii
isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’
15Gootonni kee maaliif kufanii diriiru?
Sababii Waaqayyo gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan.
16Isaan ammumaa amma gufatu;
wal irrattis kukkufu.
Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa
jalaa baanee gara saba keenyaattii fi
biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu.
17Isaan achitti,
‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa;
inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu.

18“Dhugaa ana jiraataa” jedha mootichi inni maqaan isaa
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun
“kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu,
inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa.
19Ati kan Gibxi keessa jiraattu,
waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi;
Memfiis ontee diigamtee
jiraattota malee haftiitii.

20“Gibxi goromsa bareedduu dha;
garuu qarxaasaan
biyya kaabaatii isheetti ni dhufa.
21Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis
akkuma jiboota cocoomanii ti.
Sababii guyyaan badiisaa,
yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef
isaanis garagalanii walumaan ni baqatu;
iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan.
22Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti
akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti;
isaan akkuma namoota muka muraniitti
qottoo qabatanii isheetti dhufu.
23Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu,
isaan bosona ishee ciranii balleessu”
jedha Waaqayyo.
“Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu;
lakkaaʼamuus hin dandaʼan.
24Intalli Gibxi ni qaaneffamti;
dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti.”

25 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani Aamoon Waaqa Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Waaqa isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida. 26Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati” jedha Waaqayyo. 27“Yaa Yaaqoob tajaajilaa ko, ati hin sodaatin;
yaa Israaʼel atis hin naʼin.
Ani lafa fagootii sin baasa;
sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida.
Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata;
namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
28Yaa Yaaqoob garbicha ko, ati hin sodaatin;
anis si wajjinan jiraatii”
jedha Waaqayyo.
“Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana
guutumaan guutuutti balleesse iyyuu
ani guutumaan guutuutti si hin balleessu.
Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan;
akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu.”
Copyright information for GazHAHl