‏ Jeremiah 47

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:

2 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;
bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.
Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,
magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.
Uummanni ni booʼa;
warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;
3kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,
girrisa gaariiwwan diinaatii fi
qaqawweessa goommaa isaaniitiif.
Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;
harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.
4Filisxeemota hunda balleessuuf
hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa
gargaaruuf hafan hundas balleessuuf
guyyaan sun dhufeeraatii.
Waaqayyo Filisxeemota,
hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.
5Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;
Ashqaloon ni calʼisti.
Yaa hambaa dirree irraa
isin hamma yoomiitti of ciccirtu?

6“Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo
ati hamma yoomiitti hin boqonne?
Manʼee keetti deebiʼi;
calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.
7Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu,
yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi
qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti
inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”
Copyright information for GazHAHl