‏ Jeremiah 49:14-16

14Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera:
Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame;
“Ishee loluuf walitti qabamaa!
Waraanaafis baʼaa!”

15“Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa;
namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
16Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee
fiixee tulluu qabattee jirtu,
sodaan ati odeessituu fi
of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee
mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa”
jedha Waaqayyo.
Copyright information for GazHAHl