Jeremiah 5
Namni Tolaan Tokko Iyyuu Hin jiru
1“Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa;asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa;
oobdiiwwan ishee sakattaʼaa.
Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu,
kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan
ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha.
2Isaan utuma ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jedhanuu
amma iyyuu sobaan kakatu.”
3Yaa Waaqayyo, iji kee dhugaa hin barbaaduu?
Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne;
ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan.
Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii
qalbii jijjiirrachuu didan.
4Anis akkana jedheen yaade;
“Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota;
isaan karaa Waaqayyoo,
seera Waaqa isaanii hin beekaniitii.
5Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha;
dhugumaan isaan karaa Waaqayyoo,
seera Waaqa isaanis ni beeku.”
Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii
hidhaas of irraa kukkutaniiru.
6Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata;
yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa;
qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf
magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata;
fincilli isaanii akka malee guddate;
duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii.
7“Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa?
Ijoolleen kee na dhiisanii
waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru.
Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture;
isaan garuu ni ejjan;
gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan.
8Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha;
tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.
9Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?”
jedha Waaqayyo.
“Ani mataan koo saba akka saba kanaa
haaloo hin baʼuu?
10“Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa;
garuu guutumaan guutuutti miti.
Dameewwan ishee irraa ciraa;
sabni kun saba Waaqayyoo miti.
11Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa,
guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne”
jedha Waaqayyo.
12Isaan waaʼee Waaqayyoo soba dubbatan;
akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu!
Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu;
goraadee yookaan beela hin arginu.
13Raajonni bubbee malee homaa miti;
dubbiin isaan keessa hin jiru;
wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.”
14Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun waan dubbii kana dubbateef,
ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda,
saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha.
15Yaa mana Israaʼel,” jedha Waaqayyo;
“Ani saba duriitii fi jabaa,
saba ati afaan isaa hin beekne,
kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko
biyya fagoodhaa sitti nan fida.
16Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti;
hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha.
17Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu;
ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu;
bushaayee fi loon kee ni nyaatu;
wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu.
Magaalaawwan dallaa jabaa qaban
kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu.
18“Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha Waaqayyo. 19“Yommuu namoonni, ‘Waaqayyo Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta. 20“Waan kana mana Yaaqoobitti himaa;
Yihuudaa keessattis labsaa:
21Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne,
warri utuu ija qabdanuu hin argine
kanneen utuu gurra qabdanuu hin dhageenye waan kana dhagaʼa.
22Isin na hin sodaattanii?”
jedha Waaqayyo.
“Fuula koo duratti hin hollattanii?
Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni
qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera.
Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu;
galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu.
23Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha;
innis karaa irraa jalʼatee badeera.
24Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan;
‘Kottaa Waaqayyo Waaqa keenya isa bokkaa arfaasaatii fi bokkaa birraa waqtiidhaan kennu,
isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu
yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’
25Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera;
cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera.
26“Saba koo gidduu namoota hamoo
akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti,
akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti riphanii eeggatantu jira.
27Akkuma manʼeen simbiraan guutamu,
manneen isaanii sobaan guutamu;
isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii,
28gabbatanii bareedaniiru;
hamminni isaanii dhuma hin qabu;
isaan murtii qajeelaa hin barbaadan.
Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman;
mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan.
29Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?”
jedha Waaqayyo.
“Ani saba akkasii
haaloo hin baafadhuu?
30“Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko
biyyattii keessatti taʼeera:
31Raajonni raajii sobaa dubbatu;
luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu;
sabni koos waan akkasii jaallata;
isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?
Copyright information for
GazHAHl