‏ Jeremiah 52:1-3

Kufaatii Yerusaalem

52:1‑3 kwf – 2Mt 24:18‑20; 2Sn 36:11‑16

52:4‑16 kwf – Erm 39:1‑10

52:4‑21 kwf – 2Mt 25:1‑21; 2Sn 36:17‑20

1Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. 2Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana, fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete. 3Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse.

Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
Copyright information for GazHAHl