‏ Jeremiah 9

1Akka ani halkanii guyyaa,
saba koo dhume sanaaf booʼuuf,
maaloo utuu mataan koo madda bishaanii
iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe!
2Ani akkan saba koo dhiisee
biraa fagaadhuuf,
maaloo utuu gammoojjii keessaa
lafa bultii kara deemtotaa qabaadhee!
Hundi isaanii sagaagaltoota,
tuuta saba hin amanamne tokkoo ti.

3“Isaan soba darbachuuf
arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu;
isaan biyyattii keessatti
dhugaadhaan hin moʼanne.
Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu;
anaanis hin beekan”
jedha Waaqayyo.
4“Michoota keessan irraa of eegaa;
obboleessa hin amaninaa.
Obboleessi hundi gowwoomsituu dha,
michuun hundis maqa balleessituudhaatii.
5Michuun michuu gowwoomsa;
namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu.
Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru;
cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru.
6Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta;
isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan”
jedha Waaqayyo.

7Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora;
ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa?
8Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha;
inni gowwoomsaa dubbata.
Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata;
garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf.
9Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?”
jedha Waaqayyo.
“Ani mataan koo saba akka saba kanaa,
haaloo hin baʼuu ree?”

10Ani tulluuwwaniif gadoodee nan booʼa;
lafa dheedaa gammoojjiitiifis faarsee nan booʼa.
Sababii isaan onanii hafaniif namni tokko iyyuu achiin hin darbu;
marʼachuun looniis hin dhagaʼamu.
Simbirroonni samii achii baqataniiru;
bineensonnis godaananiiru.

11“Ani Yerusaalemin tuullaa waan diigameetii fi
boolla waangoo nan godha;
akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu hin dandeenyeef
magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”

12Ogeessi waan kana hubachuu dandaʼu eenyu? Namni Waaqayyoon qajeelfamee waan kana ibsuu dandaʼu eenyu? Biyyattiin maaliif akkuma gammoojjii namni tokko iyyuu keessa darbuu hin dandeenye tokkootti diigamtee onte?

13 Waaqayyo akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune. 14Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.” 15Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani akka sabni kun nyaata hadhaaʼaa nyaatuu fi akka inni bishaan summaaʼaa dhugu nan godha. 16Ani saboota isaan yookaan abbootiin isaanii hin beekin keessa isaan nan bittinneessa; ani hamman lafa irraa isaan barbadeessuttis goraadeedhaan isaan nan ariʼa.”

17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Mee qalbeeffadhaa!
Akka dubartoonni nama boossisan dhufaniif waamaa;
isaan keessaa warra ogummaadhaan caalanitti

nama ergaa waamsisaa.
18Isaan dafanii dhufanii
hamma iji keenya imimmaan yaasee
bishaanis baallee ija keenyaa keessaa burqutti
iyyanii nuuf haa booʼan.
19Sagaleen booʼichaa kan,
‘Nu hammam badneerra!
Qaaniin keenyas hammam guddaa dha!
Sababii manneen keenya diigamaniif
nu biyya keenya keessaa baʼuu qabna’ jedhu tokko

Xiyoon keessaa ni dhagaʼama.”

20Yaa dubartoota, egaa dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
dubbii afaan isaatii baʼuuf gurra keessan banadhaa.
Akka itti booʼan intallan keessan barsiisaa;
faaruus wal barsiisaa.
21Duuti foddaa keenyaan ol lixeera;
daʼannoowwan keenyas seeneera;
innis daandiiwwan irraa ijoollee
oobdiiwwan sabaa irraa dargaggoota balleesseera.

22Ati akkana jedhi: “Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Reeffi namootaa
akkuma kosii diidatti gatamee,
akkuma bissii midhaanii kan nama haamuu duubaan hafee
nama walitti qabu dhabeetti ciciisa.’ ”

23 Waaqayyo akkana jedha: “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin;
yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin
yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin;
24namni boonu garuu,
akka ani Waaqayyo garaa namaaf laafu,
kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe
hubatee na beekuu isaatiin haa boonu;
ani waan kanatti nan gammadaatii,”
jedha Waaqayyo.

25 Waaqayyo akkana jedha; “Barri ani itti warra foon isaanii qofaan dhagna qabaman hunda adabu ni dhufa; isaanis: 26Gibxi, Yihuudaa, Edoom, Amoon, Moʼaabii fi warra gammoojjii keessa iddoo fagoo jiraatan hunda. Saboonni kunneen hundi dhugumaan dhagna hin qabamne; garaan mana Israaʼel hundaa iyyuu dhagna hin qabamne.”
Copyright information for GazHAHl