Job 10
1“Ani jireenya koo akka malee jibbeera;kanaafuu caalchisee nan guunguma;
hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
2Waaqaanis akkana nan jedha:
Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
3Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee
ana immoo yommuu cunqursitu,
hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
4Ati ija foonii qabdaa?
Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
5Barri kee akka bara namaatii?
Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
6Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee
cubbuu koo qoratta?
7Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi
akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
8“Harki kee tolchee na uume.
Ati amma deebitee na balleessitaa?
9Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu.
Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
10Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee?
Akka baaduus na hin itichinee?
11Ati gogaa fi foon natti uffifte;
lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
12Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte;
kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
13“Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte;
anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
14Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita;
balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
15Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo!
Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu;
ani salphina uffadhee
dhiphina keessa seeneeraatii.
16Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita;
humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
17Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee
dheekkamsa kee natti dabalta;
loltuus natti fidda.
18“Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte?
Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
19Ani utuun dhalachuu baadhee
yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
20Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii?
Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
21utuu ani lafa dhaqanii hin deebine,
biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
22gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa,
biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame,
kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”
Copyright information for
GazHAHl