‏ Job 11

Zoofaari

1Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise: 2“Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii?
Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa?
3Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa?
Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu?
4Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha;
ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta.
5Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee,
utuu afaan isaas sitti saaqqatee
6icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa!
Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii.
Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki.

7“Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu
yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa?
8Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa?
Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa?
9Safarri isaa lafa caalaa dheerata;
galaana caalaa balʼata.

10“Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche,
yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
11Dhugumaan inni sobdoota ni beeka;
inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu?
12Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee
gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu.

13“Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee
harka kees gara isaatti diriirsite,
14cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite,
akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote,
15ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa;
sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta.
16Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta;
akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta.
17Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa;
dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa.
18Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu;
naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta.
19Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu;
namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu.
20Iji hamootaa ni dadhaba;
karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada;
abdiin isaaniis duʼa qofa.”
Copyright information for GazHAHl