Job 12
Iyyoob
1Iyyoob akkana jedhee deebise: 2“Nama jechuun dhugumaan isin;ogummaanis isin wajjin duuti!
3Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba;
ani isinii gad miti.
Namni waan akkanaa hin beekne eenyu?
4“Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee,
michoota koo biratti nama kolfaa taʼeera.
Ani utuun nama qajeelaa hirʼina hin qabne taʼee jiruu nama kolfaa taʼeera.
5Warri itti tole rakkinatti qoosu;
nama kufuuf miilli isaa mucucaateenis kun hiree isaati jedhu.
6Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu;
warri Waaqa isaanii harkatti baatanii jooran,
warri Waaqa dheekkamsiisan nagaan jiraatu.
7“Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu;
yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu;
8yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa;
yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan.
9Akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete,
isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne?
10Lubbuun uumama hundaa,
hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.
11Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu,
gurris dubbii dhagaʼee addaan hin baasuu?
12Ogummaan jaarsolii biratti,
hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii?
13“Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti;
gorsii fi hubannaanis kan isaa ti.
14Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu;
nama inni hidhe eenyu iyyuu hiikuu hin dandaʼu.
15Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa;
yoo inni gad dhiise immoo biyya balleessa.
16Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti;
namni gowwoomfamuu fi inni gowwoomsus kanuma isaa ti.
17Inni gorsitoota qullaa deemsisa;
abbootii murtiis gowwoota godha.
18Inni mootota irraa hidhaa hiikee,
mudhii isaaniitti sabbata hidha.
19Luboota qullaa deemsisa;
jajjabeeyyiis ni gaggaragalcha.
20Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa;
hubannaa jaarsoliis irraa fuudha.
21Warra kabajamootti salphina fida;
warra jajjaboo immoo hidhata hiikachiisa.
22Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa;
dukkana limixiis ifatti geeddara.
23Inni saboota ni guddisa; ni balleessas;
saboota ni baayʼisa; ni bittinneessas.
24Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa;
gammoojjii daandii hin qabne keessas isaan joorsa.
25Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu;
inni akka isaan akkuma nama machaaʼeetti gatantaranis ni godha.
Copyright information for
GazHAHl