‏ Job 13

1“Waan kana hunda iji koo argeera;
gurri koos dhagaʼee hubateera.
2Waan isin beektan anis beeka;
ani isinii gad miti.
3Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha;
waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada.
4Isin garuu sobaan nama faaltu;
hundi keessan abbootii qorichaa
kanneen faayidaa hin qabnee dha!
5Isin yoo cal jettan maal qaba!
Wanni sun ogummaa isiniif taʼa.
6Amma falmii koo dhagaʼaa;
kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa.
7Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu?
Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu?
8Isaaf ni loogduu?
Waaqaafis ni falmituu?
9Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa?
Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu?
10Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan,
inni dhugumaan isinitti dheekkama.
11Surraan isaa isin hin sodaachisuu?
Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu?
12Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti;
daʼoon keessanis daʼoo suphee ti.

13“Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa;
ergasii wanni barbaade natti haa dhufu.
14Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin,
lubbuu koos harka kootiin qabadha?
15Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha;
waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
16Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle
fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii!
17Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa;
waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu.
18Kunoo ani himata koo qopheeffadheera;
akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka.
19Namni na himatu jiraa?
Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas.

20“Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee
ani fuula kee duraa hin dhokadhu.
21Harka kee narraa fageessi;
sodaachisni kees na hin rifachiisin.
22Ergasii na waami; anis nan owwaadha;
yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita.
23Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe?
Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi.
24Ati maaliif fuula kee dhokfattee
akka diinaatti na ilaalta?
25Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa?
Habaqii gogaa ni ariitaa?
26Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii;
cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta.
27Miilla koo jirma gidduu galchita;
faana miilla kootiitti mallattoo gootee
karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta.

28“Namnis akkuma waan bososeetti,
akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.
Copyright information for GazHAHl