Job 14
1“Nama dubartoota irraa dhalate,barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.
2Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas;
akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.
3Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa?
Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa?
4Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa?
Namni tokko iyyuu hin dandaʼu!
5Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha;
baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira;
daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.
6Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti,
fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi.
7“Mukni illee abdii qaba:
Yoo murame deebiʼee ni lata;
dameen isaa haaraanis hin gogu.
8Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee
gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu,
9foolii bishaaniitiin lata;
akka biqiltuuttis damee ni baafata.
10Namni garuu duʼee awwaalama;
lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu.
11Akkuma bishaan galaanaa gogu
yookaan lagnis dhumee gogu sana,
12namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus;
hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu
yookaan hirribaa hin kaʼu.
13“Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee
hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee!
Maaloo utuu beellama naa kennitee
ergasii immoo na yaadattee!
14Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa?
Ani hamma haaromfamni koo dhufutti,
bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha.
15Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha;
hojii harka keetiis ni hawwita.
16Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta;
cubbuu koo garuu hin toʼattu.
17Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama;
ati cubbuu koo ni haguugda.
18“Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu,
kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana,
19akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu,
akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana,
atis akkasuma abdii namaa ni balleessita.
20Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada;
bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita.
21Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku;
yoo isaan salphatanis hin argu.
22Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama;
inni mataa isaa qofaaf booʼa.”
Copyright information for
GazHAHl