Job 15
Eliifaaz
1Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise: 2“Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa?Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa?
3Inni dubbii faayidaa hin qabneen,
haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa?
4Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta;
Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita.
5Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti;
atis afaan jalʼootaa filatta.
6Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti;
arrabuma keetu ragaa sitti taʼa.
7“Situ nama hunda dura dhalatee?
Yookaan situ tulluuwwan dura argamee?
8Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa?
Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa?
9Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali?
Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali?
10Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran,
warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru.
11Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu,
dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee?
12Yaadni kee maaliif si fudhatee bada?
Ijas maaliif babaafta?
13Wanni akka ati Waaqatti aartu,
akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali?
14“Akka qulqulluu taʼuuf namni maali?
Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali?
15Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee
samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
16yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan,
kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!
17“Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa;
waanan arges sitti nan hima;
18waan namoonni ogeeyyiin
waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin
odeessan sana nan dubbadha;
19biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte;
alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne.
20Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu,
gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata.
21Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya;
utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu.
22Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu;
goraadeetu isa eeggata.
23Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora;
akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka.
24Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu;
akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu;
25inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee
Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera;
26gaachana yabbuu fi jabaa qabatee
isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera.
27“Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee
mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu,
28inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa,
manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,
kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata.
29Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu;
yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu.
30Inni dukkana jalaa hin baʼu;
arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa;
hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata.
31Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef,
waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin.
32Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga;
dameen isaas hin lalisu.
33Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee,
akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa.
34Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena;
ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba.
35Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan;
garaan isaaniis jalʼina yaada.”
Copyright information for
GazHAHl