‏ Job 16

Iyyoob

1Iyyoobis akkana jedhee deebise: 2“Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera;
hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!
3Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu?
Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?
4Utuu isin iddoo koo jiraattanii
silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture;
dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis
mataa koo isinitti nan raasan ture.
5Ani afaan kootiin isin jajjabeessee
gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.

6“Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu;
cal jedhus na hin dhiisu.
7Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta;
warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.
8Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe;
akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.
9Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire;
ilkaan isaa natti qarate;
diinni koo ija isaa natti babaase.
10Namoonni natti qoosuuf afaan banatan;
tuffiidhaan maddii koo kabalan;
tokko taʼanii natti kaʼan.
11Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne;
harka jalʼootaa keessas na buuse.
12Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse;
morma na qabee na caccabse.
Xiyyeeffannaa isaas na godhate;
13loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu.
Inni gara laafina malee kalee koo waraanee
hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.
14Inni ammumaa amma na caccabsa;
akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.

15“Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera;
gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.
16Fuulli koo booʼichaan diimateera;
dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.
17Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne;
kadhannaan koos qulqulluu dha.

18“Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin;
akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!
19Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira;
abukaattoon koos ol gubbaa jira.
20Michoonni koo na tuffatu;
iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;
21akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana
utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!

22“Waggoota xinnoo booddee,
ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.
Copyright information for GazHAHl