Job 17
1Hafuurri koo dadhabeera;barri koo gabaabbateera;
awwaallis naa qopheeffameera.
2Dhugumaan qoostonni na marsaniiru;
iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.
3“Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi;
si malee eenyutu wabii naa taʼa?
4Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta;
kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.
5Yoo namni tokko faayidaa argachuuf
michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.
6“Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa,
nama namni fuula isaatti tufu na godheera.
7Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe;
dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.
8Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu;
namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa.
9Qajeelaan garuu karaa isaatti cima;
warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.
10“Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa!
Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.
11Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera;
hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.
12Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru;
utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.
13Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe,
yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe,
14yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’
raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’
yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,
15egaa abdiin koo eessa jira?
Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
16Inni na wajjin awwaala buʼaa?
Nus walumaan biyyoo seennaa?”
Copyright information for
GazHAHl