‏ Job 18

Bildaad

1Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 2“Isin haasaa kana yoom fixxu?
Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
3Nu maaliif akka looniitti hedamna?
Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
4Ati kan aariidhaan of ciccirtu,
lafti sababii keetiif duwwaatti haftii?
Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?

5“Ibsaan nama hamaa ni dhaama;
arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
6Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa;
ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
7Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba;
malli isaas isuma kuffisa.
8Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa;
inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
9Kiyyoon kottee isaa qaba;
futtaasaanis jabeessee isa qaba.
10Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera;
karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
11Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa;
faana isaa buʼees isa ariʼa.
12Badiisni afaan itti banateera;
balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
13Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma;
ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
14Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee
gara mootii sodaatti geeffama.
15Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata;
dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
16Jalaan hiddi isaa ni goga;
irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
17Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada;
maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
18Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama;
addunyaa irraas ni dhabama.
19Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii,
biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
20Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu;
warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
21Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa;
iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”
Copyright information for GazHAHl