‏ Job 19

Iyyoob

1Iyyoobis akkana jedhee deebise: 2“Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii
dubbiin na cabsitu?
3Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu;
qaanii malees na miitaniirtu.
4Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe,
dogoggorri koo anuma wajjin jiraata.
5Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii
na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan,
6akka Waaqni na miidhee
kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa.

7“ ‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu;
sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus

murtiin qajeelaan hin jiru.
8Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera;
daandii koottis dukkana haguugeera.
9Ulfina koo narraa mulqeera;
mataa koo irraas gonfoo fuudheera.
10Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga;
abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa.
11Dheekkamsi isaa natti bobaʼa;
akkuma diina isaattis na heda.
12Loltoonni isaa humnaan dhufanii
naannoo kootti daʼannaa ijaarratan;
dunkaana koos ni marsan.

13“Inni obboloota koo narraa fageesseera;
michoonni koos keessummaa natti taʼan.
14Firoonni koo na dhiisaniiru;
michuuwwan koos na dagataniiru.
15Keessumoonni mana koo jiranii fi
xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan;
akka nama ormaattis na hedan.
16Hojjetaa koo nan waama;
afaan kootiinis isa nan kadhadha;
inni garuu na jalaa hin owwaatu.
17Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha;
ani obboloota koottis xiraaʼaa dha.
18Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu;
yommuu ani kaʼus natti qoosu.
19Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan;
warri ani jaalladhus natti garagalan.
20Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti;
gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe.

21“Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa;
harki Waaqaa na dhaʼeeraatii.
22Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu?
Amma illee foon koo isin hin geenyee?

23“Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee!
Utuu kitaaba keessatti barreeffamee!
24Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee
yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee!
25Ani akka furiin koo jiraataa taʼe,
akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
26Erga gogaan koo badee booddee,
ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
27ani mataan koo isa nan arga;
utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga.
Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!

28“Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf
nu akkamitti isa ariina?’ jettan,
29sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf
isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu;
kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.”
Copyright information for GazHAHl