Job 20
Zoofaari
1Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise: 2“Waan ani akka malee jeeqameef,yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa.
3Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira;
qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa.
4“Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee
wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii?
5Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura;
gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti.
6Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee
mataan isaa duumessawwan tuqus,
7inni akkuma awwaaraa bara baraan bada;
warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.
8Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu;
akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama.
9Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu;
iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu.
10Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu;
harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba.
11Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun,
isa wajjin biyyoo keessa ciisa.
12“Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee
inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu,
13inni afaanii baafatee gatuu jibbee
afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu,
14nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa;
isa keessattis hadhaa bofaa taʼa.
15Inni qabeenya liqimse sana ni tufa;
Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha.
16Inni summii bofaa xuuxa;
arrabni buutiis isa ajjeesa.
17Inni laga yaaʼu,
burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu.
18Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa;
buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.
19Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii;
mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera.
20“Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu;
inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu.
21Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf;
badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu.
22Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa;
dhiphinni cimaanis isa qabata.
23Yeroo inni garaa isaa guutatutti,
Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga;
dhaʼicha isaa illee itti roobsa.
24Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee,
xiyya naasiitu isa waraana.
25Dudga isaa keessaa xiyya,
tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa.
Sodaan guddaan isa qabata;
26dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata.
Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa;
waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa.
27Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu;
laftis isatti kaati.
28Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa,
bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema.
29Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu,
dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.”
Copyright information for
GazHAHl