Job 21
Iyyoob
1Iyyoob akkana jedhee deebise: 2“Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa;kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
3Yeroo ani dubbadhu naa obsaa;
erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
4“Dhugumaan kan ani komadhu namaa?
Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
5Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis
afaan keessan irra kaaʼadhaa.
6Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha;
hollannaanis na qabata.
7Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu?
Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
8Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti,
sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
9Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu;
uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
10Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu;
saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
11Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu;
daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
12Dibbee fi kiraaraan sirbu;
sagalee ululleetiinis ni gammadu.
13Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu;
nagaadhaanis ni awwaalamu.
14Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi!
Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
15Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu?
Nu isa kadhannee maal arganna?’
16Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru;
kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
17“Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa?
Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa?
Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
18Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti;
akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
19Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu.
Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif
gatii isaa haa kennu!
20Iji isaa badiisa isaa haa argu;
inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
21Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti,
waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa dhimma maalii qabaata?
22“Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa?
Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
23Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu,
utuma humna guutuu qabuu,
24utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa
dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
25Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin,
jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
26Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu;
lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
27“Ani yaada keessanii fi
mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
28Isin, ‘Manni namicha guddaa,
dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
29Isin namoota karaa deeman hin gaafannee?
Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
30Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu,
akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
31Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu?
Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
32Inni gara awwaalaatti geeffama;
awwaalli isaas ni eegama.
33Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa;
namoonni hundi isa duukaa buʼu;
namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
34“Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen na jajjabeessuu dandeessu ree?
Deebiin keessanis soba qofa!”
Copyright information for
GazHAHl