Job 22
Eliifaaz
1Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise: 2“Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa?Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
3Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna?
Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
4“Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf
waan ati isa sodaattuufii?
5Hamminni kee guddaa dha mitii?
Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
6Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta;
namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
7Warra dadhaban bishaan hin obaafne;
kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
8namni humna qabu biyya qabaata;
kan ulfina qabus keessa jiraata.
9Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte;
irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
10Kanaafuu kiyyoon si marseera;
sodaan tasaas si qabateera.
11Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera;
lolaan bishaaniis sirra garagala.
12“Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii?
Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
13Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka?
Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
14Yommuu inni bantii samii irra deemu,
akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
15Ati daandii durii
kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
16Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman;
hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
17Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu
maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
18Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma;
kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
19Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu;
warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
20‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru;
qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
21“Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu;
haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
22Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu;
dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
23Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta;
yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
24warqee kee biyyoo keessa buufte,
yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
25yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee,
meetii filatamaas siif taʼa.
26Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda;
fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta.
27Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa;
ati immoo wareega kee ni baafatta.
28Wanni ati murteessite ni taʼa;
ifnis karaa kee irratti ni ifa.
29Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta;
innis warra gad qabaman ni baraara.
30Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha;
ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.”
Copyright information for
GazHAHl