Job 23
Iyyoob
1Iyyoob akkana jedhee deebise: 2“Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha;yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.
3Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee,
utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!
4Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee
afaan koo falmiin guuttadha ture.
5Waan inni naa deebisu nan beekan ture;
waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.
6Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa?
Lakki, na dhaggeeffata malee.
7Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata;
anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.
8“Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru;
ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.
9Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu;
yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis
ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.
10Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka;
yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.
11Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera;
ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
12Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne;
nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
13“Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata;
kan isaan mormuu dandaʼu eenyu?
Inni waanuma jaallatu hojjeta.
14Inni waan natti mure ni raawwata;
amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.
15Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma;
ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.
16Waaqni garaa koo ni raase;
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.
17Haa taʼu malee dukkanni,
dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.
Copyright information for
GazHAHl