‏ Job 24

1“Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine?
Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine?
2Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu;
bushaayee hataniis ni bobbaasu.
3Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu;
sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu.
4Rakkataa karaa irraa balleessu;
hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu.
5Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa
nyaata barbaacha asii fi achi jooru;
gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna.
6Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu;
iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu.
7Uffata dhabanii halkan qullaa bulu;
waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban.
8Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru;
waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu.
9Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera;
daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera.
10Isaan uffata dhabanii qullaa deemu;
bissii baatu; garuu ni beelaʼu.
11Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu;
wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu.
12Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama;
lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti.
Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu.

13“Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne
yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru.
14Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa;
innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa;
halkan immoo akkuma hattuu taʼa.
15Iji ejjaan dimimmisa eeggata;
innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha;
fuula isaas ni dhokfata.
16Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu;
guyyaa garuu ofitti cufanii oolu;
isaan ifa hin beekan.
17Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti;
isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu.

18“Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti;
akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef,
qoodni lafa isaanii abaarameera.
19Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu,
awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata.
20Gadameessi isaan irraanfata;
raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti;
namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu;
siʼachis hin yaadataman.
21Isaan dubartii dhabduu ni saamu;
haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan.
22Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa;
isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban.
23Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa;
iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata.
24Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu;
gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu;
akkuma mataa midhaaniis ni muramu.

25“Yoo kun akkas taʼuu baate
eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?”
Copyright information for GazHAHl