Job 25
Bildaad
1Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 2“Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti;inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.
3Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu?
Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?
4Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree?
Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?
5Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne,
yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
6namni raammoo foonii taʼe,
ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”
Copyright information for
GazHAHl