‏ Job 26

Iyyoob

1Iyyoob akkana jedhee deebise: 2“Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte!
Irree laafes hammam jajjabeessite!
3Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite!
Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
4Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare?
Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?

5“Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi
kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
6Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira;
badiisnis waan isa dhoksu hin qabu.
7Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa;
lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
8Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;
duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
9Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan
fuula jiʼaa ni haguuga.
10Inni fuula bishaanotaa irratti,
ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
11Utubaawwan samii ni hollatu;
dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
12Inni humna isaatiin galaana ni raasa;
ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
13Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse;
harki isaas bofa shawwisaa waraane.
14Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa;
hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha!
Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”
Copyright information for GazHAHl