‏ Job 28

1Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu,
lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.
2Sibiilli lafa keessaa baafama;
sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.
3Namni hamma dhuma dukkanaatti deema;
moggaa akka malee fagoo dhaqees,
dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.
4Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee
iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota;
namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.
5Lafa irraa garuu nyaatatu argama;
jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;
6dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti;
biyyoon isaas warqee qaba.
7Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku;
iji culullees karaa sana hin argine.
8Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne;
leencis karaa sana hin darbine.
9Harki namaa dhagaa jabaa cabsa;
hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.
10Inni kattaa keessaan karaa baasa;
iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.
11Madda lageenii ni sakattaʼa;
waan dhokfames ifatti ni baasa.

12Ogummaan garuu eessaa argamti?
Hubannaanis eessa jiraata?
13Namni gatii isaa hin beeku;
inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.
14Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha;
galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.
15Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;
gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.
16Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti
yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.
17Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;
inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.
18Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;
gatiin ogummaa lula diimaa caala.
19Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;
warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.

20Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?
Hubannaanis eessa jiraatti?
21Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;
simbirroota samii jalaas baddeerti.
22Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa
gurra keenyaan dhageenye” jedhu.
23Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee,
lafa inni jiraatus beeka;
24inni handaara lafaa ni ilaala;
waan samii jala jiru hunda ni argaatii.
25Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee
bishaanota safaretti,
26yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee
bakakkaaf immoo daandii baasetti,
27inni ogummaa ilaalee madaale;
jabeessee dhaabee ishee qorate.
28Ergasii ilmaan namaatiin,
“Gooftaa sodaachuun ogummaa;
waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.
Copyright information for GazHAHl