Job 29
1Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe: 2“Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sanaakkamin hawwa ture,
3yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin
dukkana keessa darbee yeroon deeme,
4yeroo ani nama jabaa ture,
yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,
5yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture,
yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,
6yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame,
yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.
7“Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee
oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,
8dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru;
maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;
9hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii
harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;
10sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture;
arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.
11Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja;
kanneen na arganis na galateeffatu ture;
12ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu,
nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
13Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera;
ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.
14Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera;
murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.
15Ani nama jaameef ija,
okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.
16Ani rakkataadhaaf abbaan ture;
nama ormaatiif illee nan falman ture.
17Qarriffaa nama hamaa nan cabse;
waan inni qabates afaan isaatii buuseera.
18“Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa;
barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.
19Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba;
fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.
20Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata;
iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’
21“Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa
abdiidhaan na dhaggeeffatu.
22Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne;
dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.
23Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan;
dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.
24Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne;
ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.
25Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe;
akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe;
ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.
Copyright information for
GazHAHl