‏ Job 3

Dubbii Iyyoob

1Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare. 2Innis akkana jedhe:

Iyyoob

3“Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu;
halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.
4Guyyaan sun haa dukkanaaʼu;
Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin;
ifnis itti hin ifin.
5Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan;
duumessi isa irra haa buʼu;
ifa isaa dukkanni haa liqimsu.
6Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu;
guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin
yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.
7Halkan sun haa maseenu;
ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.
8Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan,
kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.
9Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu;
ifa eeggatee haa dhabu;
boruu baqaqus hin argin.
10Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf,
balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.

11“Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin?
Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?
12Jilbawwan na simatan,
harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?
13Ani silaa yoona nagaan nan ciisa;
rafees nan boqodhan tureetii;
14moototaa fi gorsitoota addunyaa
warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,
15bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii
meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.
16Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee,
akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin?
17Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu;
dadhaboonnis achitti ni boqotu.
18Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu;
waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.
19Xinnaa fi guddaan achi jira;
garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.

20“Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni
warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?
21Warra duʼa hawwanii dhabaniif
warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif
22warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti
gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?
23Nama karaan isaa duraa dhokateef
nama Waaqni dallaa itti marse
jireenyi maaliif kennama?
24Gaddi buddeena naa taʼeera;
aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.
25Wanni ani sodaadhe natti dhufeera;
wanni na naasisus narra gaʼeera.
26Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu;
jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.”
Copyright information for GazHAHl