Job 30
1“Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii,kanneen ani abbootii isaanii
saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu
madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu.
2Warra humna dhaban,
jabinni irree isaanii maal na fayyada?
3Isaan rakkinaa fi beelaan laafan;
lafa gogaa keessa,
gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran.
4Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan;
nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture.
5Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman;
namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan.
6Isaan akka laga gogaa keessa,
kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman.
7Bosona keessatti ni halaaku;
daggala keessattis walitti tuutaʼu.
8Isaan gowwoota maqaa hin qabne,
kanneen biyyaa ariʼaman turan.
9“Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan;
ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera.
10Isaan xireeffatanii narraa fagaatan;
fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan.
11Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef,
isaan fuula koo duratti luugama baafatan.
12Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru;
miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru;
biyyoos akka dallaa natti naannessan.
13Isaan karaa koo natti cufu;
na galaafachuufis ni milkaaʼu;
namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru.
14Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti,
ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu.
15Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan
bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera;
badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada.
16“Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti;
barri rakkinaas na qabateera.
17Halkan keessa lafeen koo ni waraanama;
dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu.
18Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera;
akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera.
19Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa;
anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera.
20“Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu;
ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta.
21Ati gara jabinaan natti garagalta;
irree kee jabaadhaanis na dhoofta.
22Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta;
bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata.
23Ani akka ati gara duʼaatti,
gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti na geessitu nan beeka.
24“Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti,
namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru.
25Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee?
Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee?
26Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe;
utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe.
27Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne;
barri gidiraas natti dhufeera.
28Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa;
waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya.
29Ani obboleessa waangoo,
michuu urunguus taʼeera.
30Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera;
dhagni koos hoʼaan bobaʼeera.
31Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo
sagalee iyyaatiif qopheeffameera.
Copyright information for
GazHAHl