Job 31
1“Ani ija koo wajjin kakuu galeera;yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
2Carraan namni Waaqa samii biraa qabu,
dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?
3Hamootaaf badiisa,
warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?
4Inni karaa koo hin arguu?
Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?
5“Yoo ani karaa sobaa irra deemee
yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,
6Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu;
akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
7yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree,
garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate
yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,
8waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu;
midhaan koos haa buqqifamu.
9“Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate,
yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,
10niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu;
namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.
11Kun hammina;
kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.
12Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha;
midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.
13“Yoo ani yeroo isaan na himatanitti,
tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii
murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,
14yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha?
Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?
15Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii?
Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
16“Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe,
yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,
17yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin
kophaa koo nyaadhee jiraadhe,
18ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise;
dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.
19Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu,
yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee
20sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef,
yoo garaan isaa na hin eebbisin,
21yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee
ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,
22irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu;
irreen koo buusaa isaatti haa cabu.
23Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi
sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.
24“Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan,
‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,
25yoo ani qabeenya koo guddaatti,
milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,
26yoo ani aduu iftu argee
yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,
27akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee
afaan koo harka koo dhungatee jiraate,
28wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha;
ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii.
29“Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee
yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,
30ani jireenya isaa abaaruudhaan
akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.
31Yoo namoonni mana koo jiraatan,
takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,
32sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef,
keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.
33Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee
cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,
34ani waldaa guddaa sodaadhee
yookaan tuffiin gosaa na naasisee,
calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?
35“Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee!
Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa;
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu;
himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.
36Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha;
akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.
37Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima;
akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.
38“Yoo lafti koo natti iyyitee
boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,
39yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe,
yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,
40qooda qamadii qoraattiin,
qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.”
Dubbiin Iyyoob xumurame.
Copyright information for
GazHAHl