‏ Job 32

Eeliihuu

1Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan. 2Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare. 3Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare. 4Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture. 5Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.

6Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: “Ani umuriidhaan xinnaa dha;
isin garuu jaarsolii dha;
kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu
nan saalfadhe; nan sodaadhes.
7Ani, ‘Umuriin ni dubbata;
barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.
8Garuu hafuura nama keessa jiru,
hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
9Ogeessi jaarsa qofa miti;
kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.

10“Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa;
anis waanan beeku isinitti nan hima.
11Ani yeroo isin dubbattan nan obse;
yeroo isin jechoota filattanitti illee
ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;
12ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe.
Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore

Iyyoobin hin amansiifne;
namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.
13Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra;
nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.
14Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne;
anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.

15“Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban;
dubbiinis isaan harkaa badde.
16Erga isaan calʼisanii,
erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii,

ani eeguun qabaa?
17Ani deebii koo nan kenna;
waanan beeku nan hima.
18Dubbiin na keessa guuteeraatii;
hafuurri na keessa jirus na kakaasa;
19garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee,
akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.
20Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba;
afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.
21Ani nama wal hin caalchisu;
yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.
22Utuu ani nama saaduu beekee,
Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.
Copyright information for GazHAHl