Job 33
1“Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu;waan ani jedhu hundas dhagaʼi.
2Kunoo ani afaan koo nan banadha;
dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira.
3Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa;
hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata.
4Hafuura Waaqaatu na uume;
hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
5Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni;
qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu.
6Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti;
anis biyyoo irraan hojjetame.
7Ati na sodaattee hin raafamin;
harki koos sitti hin ulfaatin.
8“Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta;
anis dubbii kee dhagaʼeera.
9Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu;
ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne.
10Waaqni garuu balleessaa narratti argeera;
akka diina isaattis na ilaaleera.
11Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha;
karaa koo hundas ni eega.’
12“Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti;
Waaqni nama caalaa guddaadhaatii.
13Ati maaliif akka waan inni
dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta?
14Namni hubachuu baattu iyyuu,
Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata.
15Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu,
yeroo hirribni cimaan isaan qabutti,
abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,
16gurra isaaniitti ni dubbata;
of eeggachiisaanis isaan rifachiisa;
17jalʼina irraa nama deebisuuf,
of jajuu irraas isa dhowwuuf,
18lubbuu isaa boolla irraa,
jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf.
19“Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa
kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa;
20kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba;
lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti.
21Foon isaa nyaatamee dhuma;
lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa.
22Lubbuun isaa gara boollaatti,
jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata.
23Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko
akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf,
ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate,
24yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche;
ani furii isaaf argeen jira’ jedhe,
25dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama;
akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa.
26Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata;
fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas;
Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
27Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha;
‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera;
garuu waan naa malu hin arganne.
28Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera;
anis jiraadhee ifa nan arga.’
29“Waaqni waan kana hunda
yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha.
30Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf,
lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha.
31“Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu;
ati calʼisi; ani nan dubbadhaa.
32Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni;
dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii.
33Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu;
calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.”
Copyright information for
GazHAHl