‏ Job 34

1Eliihuun akkana jedhe: 2“Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa;
beektonnis na dhaggeeffadhaa.
3Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu,
gurris dubbii calalaatii.
4Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu;
waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu.

5“Iyyoob akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha;
Waaqni garuu murtii qajeelaa narraa fudhate.
6Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu,
akka sobduuttin herregame;
ani yakka qabaachuu baadhu illee
xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’
7Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu,
kan akka Iyyoob eenyu?
8Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala;
jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata.
9Inni, ‘Waaqa gammachiisuu yaaluun,
namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii.

10“Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa.
Waan hamaa hojjechuun Waaqa irraa,
dogoggoruunis Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu.
11Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna;
waan karaa isaatiif malus itti fida.
12Dhugumaan Waaqni hammina hin hojjetu;
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu.
13Eenyutu lafa irratti isa muude?
Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne?
14Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee,
hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee,
15silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada;
namnis biyyootti deebiʼa ture.

16“Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi;
waan ani jedhus dhaggeeffadhu.
17Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa?
Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
18Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee
qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
19Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu;
sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu;
hundi isaanii hojii harka isaatii.
20Isaan halkan walakkaa tasa duʼu;
namoonni hollatanii dhumu;
jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu.

21“Iji isaa karaa namootaa irra jira;
inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.
22Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan,
dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru.
23Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf,
Waaqni nama kam iyyuu hin beellamu.
24Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa;
warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa.
25Inni sababii hojii isaanii beekuuf,
halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu.
26Sababii jalʼina isaaniitiifis
inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba;
27kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii
karaa isaa hunda dhiisaniif.
28Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf,
akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru.
29Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa?
Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa?
Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata;
30kunis akka namni Waaqaaf hin bulle
mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha.

31“Namni tokko Waaqaan akkana jedha haa jennu;
‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu.
32Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi;
ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’
33Waaqni sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf
akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa?
Situ murteessuu qaba malee ana miti;
kanaafuu ati waan beektu natti himi.

34“Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu;
namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu;
35‘Iyyoob beekumsa malee dubbata;
dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’
36Iyyoob sababii akka nama hamaatti deebii kenneef
maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee!
37Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala;
tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa;
Waaqa irrattis waan baayʼee dubbata.”
Copyright information for GazHAHl