Job 35
1Eliihuunis itti fufee akkana jedhe: 2“Ati waan kana qajeelaa seetaa?Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta.
3Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba?
Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.
4“Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif
deebii kennuu nan barbaada.
5Ol jedhiitii samiiwwan ilaali;
duumessoota siin ol jiranis argi.
6Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita?
Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?
7Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita?
Yookaan inni harka kee irraa maal argata?
8Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha;
qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.
9“Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu;
irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.
10Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu;
‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,
11kan bineensota lafa irraa caalaa beektota,
simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’
12Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif
yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.
13Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu;
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.
14Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira;
ani isa eeggachaan jira;
garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette,
inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!
15Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef,
sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,
16Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana;
beekumsa malees dubbii baayʼisa.”
Copyright information for
GazHAHl