‏ Job 36

1Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe: 2“Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru
sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi.
3Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida;
qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa.
4Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu;
kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira.

5“Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu;
inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata.
6Inni hamoota hin jiraachisu;
warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna.
7Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu;
mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa;
bara baraanis ol isaan guddisa.
8Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman,
yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman,
9inni hojii isaanii,
daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima.
10Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana;
akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja.
11Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan,
bara jireenya isaanii badhaadhummaan,
umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu.
12Yoo ajajamuu baatan garuu,
goraadeedhaan badu;
beekumsa malees ni duʼu.

13“Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu;
yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan.
14Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu;
jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada.
15Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa;
rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata.

16“Inni dhiphina keessaa si baasee
gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti,
maaddii coomaan guutametti si geessa.
17Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera;
murtii fi haqni si qabataniiru.
18Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu;
akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin.
19Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi
rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa?
20Halkan itti namoonni
mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin.
21Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu;
qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii.

22“Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera;
barsiisaan akka isaa eenyu?
23Namni karaa isatti himu,
yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu?
24Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana,
leellisuu hin dagatin.
25Namni hundinuu argeera;
tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala.
26Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu;
baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu.

27“Inni copha bishaanii ol baasa;
hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara.
28Duumessis jiidha isaa gad coccobsa;
bokkaan guddaanis namatti rooba.
29Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu,
akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa?
30Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu,
akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali.
31Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi
nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha.
32Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta;
akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja.
33Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa;
looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu.
Copyright information for GazHAHl