Job 37
1“Kana irratti onneen koo ni dhikkifata;iddoo isaatiis ni uʼutaala.
2Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa,
guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.
3Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa;
gara handaara lafaattis ni erga.
4Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa;
inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa.
Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti,
inni waan tokko illee hin qusatu.
5Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa;
inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.
6Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’
tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.
7Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf,
inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.
8Bineensonni holqa isaaniitti galu;
daʼannoo isaanii keessas ni turu.
9Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa;
dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.
10Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma;
bishaanonni babalʼaanis ni ititu.
11Inni duumessoota bishaan baachisa;
bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.
12Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf,
qajeelfama inni kennuun
addunyaa hunda irra naannaʼu.
13Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee
jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.
14“Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii
hojii Waaqaa isa dinqisiisaa sana hubadhu.
15Waaqni akkamitti duumessoota
akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?
16Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan,
hojii dinqisiisaa Waaqaa isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?
17Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti
hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,
18samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana
diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
19“Waan nu isaan jennu nutti himi;
nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.
20Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa?
Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?
21Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee,
namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
22Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa;
inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.
23Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli;
inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha;
qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.
24Kanaafuu, namoonni isa sodaatu;
inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.”
Copyright information for
GazHAHl