Job 38
Waaqayyo Ni dubbata
1Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes: 2“Namni dubbii beekumsa maleedubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?
3Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu;
ani sin gaafadha;
ati immoo deebii naa kenni.
4“Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte?
Yoo hubatte mee natti himi.
5Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa?
Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?
6Hundeen ishee maal irra dhaabame?
Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?
7Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti,
yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
8“Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti
eenyutu balbala itti cufee ittise?
9Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee
dukkana guddaan maretti,
10yeroo ani daangaa isaa dhaabee
balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,
11anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu;
dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
12“Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee
yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?
13Akka inni handaara lafaa qabatee
namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?
14Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti;
bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.
15Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru;
irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.
16“Ati gara burqaa galaanaa gad buutee
yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?
17Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa?
Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?
18Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa?
Yoo kana hunda beekte dubbadhu.
19“Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami?
Dukkannis eessa jiraata?
20Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa?
Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?
21Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii!
Ati bara hedduu jiraatteerta!
22“Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa
dhagaa cabbii argiteertaa?
23Kan ani yeroo rakkinaatiif,
guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?
24Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti
yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?
25Eenyutu lolaadhaaf boʼoo,
bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,
26lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,
gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,
27lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee
margas itti biqilchu eenyu?
28Roobni abbaa qabaa?
Copha fixeensaa eenyutu dhalche?
29Cabbiin garaa eenyuutii baʼa?
Qorra samii eenyutu dhala?
30Bishaanonni akka dhagaa jabaatu,
fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.
31“Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa?
Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?
32Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu
yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?
33Seera samiiwwanii beektaa?
Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?
34“Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee,
lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?
35Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa?
Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?
36Eenyutu yaada garaatiif ogummaa
yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?
37Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba?
Eenyutu okkotee bishaan samii
38yeroo biyyoon jabaattutti,
yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?
39“Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee
saafela leencaas beela baaftee
40yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti
yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii waa eeggatanitti beela ni baaftaa?
41Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan,
yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti,
arraagessaaf nyaata kenna?
Copyright information for
GazHAHl