Job 39
Iyyoob
1“Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa?Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa?
2Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa?
Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa?
3Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu;
foolachuu isaaniis ni hobbaafatu.
4Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu;
baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis.
5“Eenyutu harree diidaa gad dhiise?
Funyoo isaas eenyutu hiike?
6Ani gammoojjii mana isaa,
lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef.
7Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa;
iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu.
8Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba;
waan lalisaa hundas ni barbaada.
9“Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa?
Dallaa kee keessas ni bulaa?
10Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa?
Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa?
11Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa?
Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa?
12Akka inni midhaan kee walitti qabee
oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa?
13“Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti;
garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu.
14Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti;
akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti;
15garuu akka miilli wayii caccabsu,
akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu.
16Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti;
yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti;
17Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii;
yookaan hubannaa isheef hin qoodne.
18Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti,
isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti.
19“Ati fardaaf jabina ni kennitaa?
Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa?
20Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa?
Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha.
21Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita;
baʼees miʼa lolaatti qajeela.
22Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu;
goraadee irraas duubatti hin deebiʼu.
23Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus
cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha.
24Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha;
yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu.
25Inni yommuu malakanni afuufamutti
‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa,
foolii waraanaa illee fagoottu suufa.
26“Cululleen ogummaa keetiin barriftee
qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii?
27Risaan ajaja keetiin ol baʼee
ol fagootti mana isaa ijaarrataa?
28Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula;
kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti.
29Achi taaʼees waan nyaatu adamsa;
iji isaas fagootti waan sana arga.
30Cuucoliin isaa dhiiga dhugu;
innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.”
Copyright information for
GazHAHl