‏ Job 4

Eliifaaz

1Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise: 2“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa?
Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
3Ati akka nama baayʼee barsiifte,
akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
4Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera;
atis jilba laafe jabeessiteerta.
5Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta;
rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
6Waaqa sodaachuun kee irkoo kee,
qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?

7“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa?
Qajeelonni eessatti badanii beeku?
8Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan,
kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
9Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu;
hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
10Leenci ni aada; ni gururiʼas;
ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
11Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa;
ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.

12“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame;
gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
13Abjuu halkanii sodaachisaa keessa,
yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
14sodaa fi hollachuun na qabatee
lafee koo hunda raase.
15Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe;
rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
16Innis ni dhaabate;
ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye.
Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate;
anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
17‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?
Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
18Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu;
ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
19yoos warri manneen suphee keessa jiraatan,
warri hundeen isaanii biyyoo taʼe,
warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
20Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu;
tasumas bara baraan ni badu.
21Akka isaan ogummaa malee duʼaniif
funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’
Copyright information for GazHAHl