Job 40
1Waaqayyos Iyyoobiin akkana jedhe: 2“Namni Waaqa Waan Hunda Dandaʼuun falmu tokko isa ni qajeelchaa?Namni Waaqa himatu deebii haa kennuuf!”
3Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebise: 4“Ani nama faayidaa hin qabnee dha; akkamittin deebii siif kenna?
Harka koo afaan koo irra nan kaaʼadha.
5Ani yeroo tokko dubbadheera; garuu ani waanan deebisu hin qabu;
siʼa lama dubbadheera; kana caalaa garuu homaa hin jedhu.”
6Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate: 7“Akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu;
ani sin gaafadha;
ati immoo deebii naa kennita.
8“Ati murtii koo qajeelaa sana gatii dhabsiistaa?
Ofii keetii qajeelaa taʼuuf na himattaa?
9Irree akka irree Waaqaa qabdaa?
Sagaleen kees akka sagalee isaa qaqawweessaʼuu dandaʼaa?
10Ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi;
kabajaa fi barreedina uffadhu.
11Dheekkamsa kee kan guutee irra yaaʼu sana dhangalaasi;
nama of tuulu kam iyyuu ilaalii qaanessi.
12Nama of tuulu hunda ilaalii gad deebisi;
hamoota illee iddoodhuma isaan dhaabatanitti caccabsi.
13Isaan hunda walitti qabii biyyoo keessatti awwaali;
fuula isaaniis awwaala keessa dhoksi.
14Yoos ani mataan koo, akka harki kee mirgaa
si oolchuu dandaʼu siifin mirkaneessa.
15“Bihemootin ani akkuman si uumettin uume,
kan akkuma qotiyyoo marga dheedu sana mee ilaali.
16Jabinni isaa dugda isaa keessa,
humni isaa immoo ribuu garaa isaa keessa jira!
17Eegeen isaa akkuma muka birbirsaa raafama;
ribuun tafa isaa wal keessa xaxamaa dha.
18Lafeen isaa akka ujummoo naasii ti;
harkii fi miilli isaa immoo akka ulee sibiilaa ti.
19Inni uumamawwan Waaqaa keessaa hangafa;
garuu inni isa uume goraadee isaatiin isatti dhiʼaachuu dandaʼa.
20Gaarran marga ni kennuuf;
bineensonni hundi naannoo isaa ni burraaqu.
21Inni huuxxii qoraattii qabu jala ciisa;
shambaqqoo lafa dhaqdhaqii keessa dhokata.
22Gaaddisni huuxxii qoraattii qabuu isa haguuga;
alaltuun lagaas isa marsa.
23Yommuu lagni cabsee yaaʼutti iyyuu kunoo, inni hin rifatu.
Lagni Yordaanos afaan isaa irra garagalu iyyuu inni hin shishu.
24Namni utuma inni arguu isa qabuu
yookaan kiyyoodhaan isa qabee funyaan isaa uruu dandaʼu tokko iyyuu jiraa?
Copyright information for
GazHAHl