Job 41
1“Ati hokkoo qurxummiitiin Lewaataan harkiftee baasuuyookaan arraba isaa funyoodhaan hidhuu ni dandeessaa?
2Funyaan isaa keessa funyoo baasuu
yookaan lafee mangaagaa isaa hokkoodhaan uruu ni dandeessaa?
3Inni akka ati isaaf araaramtuuf guddisee si kadhataa?
Afaan nagaatiinis sitti ni dubbataa?
4Akka ati bara baraan garbicha godhattuuf
inni si wajjin kakuu ni galaa?
5Ati akka simbirroota wajjin taphattu isa wajjin ni taphattaa?
Yookaan shamarran keetiif isa ni hiitaa?
6Daldaltoonni isa irratti gatii wal dubbatuu?
Warra bitee gurguruufis isa ni qooduu?
7Ati gogaa isaa xiyyaan,
yookaan mataa isaa hokkoo ittiin qurxummii qabaniin wawwaraanuu ni dandeessaa?
8Yoo harka keetiin isa tuqxe, walʼaansoo sana ni yaadatta;
deebitees waan sana hin gootu!
9Isa moʼanna jedhanii abdachuun soba;
ijumaan isa ilaaluunuu nama hollachiisa.
10Namni isa dammaqsuuf garaa qabaatu tokko iyyuu hin jiru.
Egaa namni na dura dhaabachuu dandaʼu eenyu?
11Namni waa natti kennatee ani deebisuufii qabu eenyu?
Wanni samii jala jiru hundinuu kanuma koo ti.
12“Ani waaʼee harkaa fi miilla isaa,
waaʼee jabinaa fi dhaaba toluu isaa dubbachuu hin dhiisu.
13Eenyutu uffata inni irraan uffatu irraa baasa?
Eenyutu luugama qabatee isatti dhiʼaata?
14Eenyutu balbala afaan isaa
isa ilkaan isaa sodaachisaa sanaan marfame banuu dandaʼa?
15Dugdi isaa gaachanawwan tarree galan,
kanneen akka malee walitti maxxanfaman qaba;
16tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaa
akka qilleensi gidduu isaanii hin baaneef baayʼee walitti maxxanu.
17Isaan jabeeffamanii walitti qabsiifaman;
waan walitti fayyaniif gargar hin baafaman.
18Haxxissoon isaa balaqqeessa ifaa baasa;
iji isaa immoo akkuma ifa biiftuu reefuu baatuu ti.
19Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatu baʼa;
qaanqeenis afaan isaa keessaa ni faffacaʼa.
20Akkuma aara xuwwee ibidda shambaqqoo
irratti dafqu keessaa baʼuu funyaan isaatii aarri ni baʼa.
21Hafuurri afaan isaatii baʼu cilee ibiddaa qabsiisa;
afaan isaa keessaas arrabni ibiddaa ni baʼa.
22Morma isaa keessa jabinatu jira;
sodaachisuunis fuula isaa dura ni utaala.
23Dachaan foon isaa wal qabateera;
dachaan sunis walitti fayyeera; hin sochoʼus.
24Lapheen isaa akka kattaa jabaata;
akka dhagaa daakuus jabaa dha.
25Yeroo inni ol kaʼutti, jajjaboonni ni sodaatu;
yommuu inni lafa sochoosaa dhufutti isaan of irra garagalanii baqatu.
26Goraadeen itti buʼu illee homaa isa hin godhu;
eeboon yookaan xiyyi yookaan ankaaseenis homaa isa hin godhu.
27Inni sibiila akka cidiitti,
naasii immoo akka muka tortoreetti heda.
28Xiyyi isa hin baqachiisu;
dhagaan furrisaa isaaf akkuma habaqii ti.
29Bokkuun isaaf akkuma cidii ti;
inni mirmirfamuu eebootti ni kolfa.
30Garaan isaa jalli akka cabaa okkotee kan qara qabuu ti;
akka muka ittiin midhaan dhaʼaniittis dhoqqee baqaqsa.
31Inni tuujuba akka okkotee dafquutti koqsiisa;
galaanas akkuma bilqaaxxii dibataa raasa.
32Inni duuba isaatiin akka karaan ifu ni godha;
namni waan tuujubni sun rifeensa adii qabu seʼa.
33Uumamni homaa hin sodaanne,
kan isaan qixxaatu tokko iyyuu lafa irra hin jiru.
34Inni warra of tuulu ni tuffata;
warra of jaju hunda irratti mootii dha.”
Copyright information for
GazHAHl