‏ Job 5

1“Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa?
Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?
2Nama gowwaa aariitu ajjeesa;
raatuus hinaaffaatu galaafata.
3Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge;
manni isaa garuu yoosuma abaarame.
4Ijoolleen isaa nagaa hin qaban;
isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.
5Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata;
inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.
6Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii;
dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.
7Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu
namni rakkinaaf dhalata.

8“Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha;
dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.
9Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye,
hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.
10Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa;
lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.
11Warra gad qabaman ol baasa;
warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.
12Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef,
inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.
13Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba;
malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.
14Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas
akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.
15Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa,
harka nama jabaa jalaas ni baasa.
16Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba;
jalʼinnis afaan isaa ni cufata.

17“Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha;
kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
18Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa;
harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.
19Balaa jaʼa jalaa si baasa;
torba keessattis hin miidhamtu.
20Bara beelaa duʼa jalaa,
lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.
21Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta;
yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
22Badiisaa fi beelatti ni kolfita;
bineensota lafaas hin sodaattu.
23Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta;
bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.
24Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta;
qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.
25Ijoolleen kee akka baayʼatan,
sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.
26Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana,
atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.

27“Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha.
Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”
Copyright information for GazHAHl