Job 6
Iyyoob
1Iyyoobis akkana jedhee deebise: 2“Utuu gaddi koo safarameedhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee!
3Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf,
ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture.
4Xiyyawwan Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru;
hafuurri koo summii isaanii dhuga;
sodaachisuun Waaqaa natti hiriireera.
5Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa?
Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa?
6Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa?
Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa?
7Ani isa tuquu hin fedhu;
nyaanni akkasii na dhukkubsa.
8“Utuu kadhannaan koo deebii argatee,
Waaqnis waan ani hawwu naa kennee jiraatee,
9utuu na caccabsuun fedhii Waaqaa taʼee,
utuu harki isaa hiikamee na galaafatee!
10Silaa kun jajjabina naa taʼa ture;
dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture;
ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii.
11“Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali?
Akkan obsuufis humni koo maali?
12Ani jabina dhagaa qabaa?
Foon koos naasiidhaa?
13Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa?
Ogummaan na keessaa badeera mitii?
14“Namni michuu isaatiif garaa hin laafne
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.
15Obboloonni koo garuu akka doloolloo,
akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota;
16isaan laga cabbiidhaan booraʼee
yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti.
17Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu;
yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu.
18Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu;
gammoojjiitti namʼanii dhumu.
19Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu;
karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu.
20Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan;
achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan.
21Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan;
gidiraa koo argitanii sodaattan.
22Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan
‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa?
23Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan,
‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa?
24“Na barsiisaa; ani nan calʼisa;
iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa.
25Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha!
Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa?
26Isin waan ani jedhu qajeelchuu,
dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu?
27Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu;
michoota keessaniifis boolla qottu.
28“Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa.
Ani fuula keessan duratti nan sobaa?
29Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa;
hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii.
30Jalʼinni arraba koo irra jiraa?
Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu?
Copyright information for
GazHAHl