‏ Job 7

1“Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii?
Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii?
2Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu,
yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo,
3jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman;
halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman.
4Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada.
Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala.
5Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera;
gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira.

6“Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata;
innis abdii malee dhuma.
7Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo
akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu;
iji koo lammata waan gaarii hin argu.
8Iji amma na argu siʼachi na hin argu;
ati na barbaadda; garuu ani hin jiru.
9Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus
namni awwaalame hin deebiʼu.
10Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu;
iddoon isaas siʼachi isa hin beeku.

11“Kanaafuu ani cal hin jedhu;
ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha;
hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma.
12Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo
yookaan bineensa galaanaa ti?
13Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa;
wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti,
14ati abjuu keessa na sodaachifta;
mulʼataanis na rifachiifta.
15Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra
of hudhee duʼuu nan filadha.
16Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu.
Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii.

17“Akka ati isa leelliftuuf,
akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?
18Ati ganama ganama isa xiinxaltee
yeroo yerootti isa qorta.
19Ati ija kee narraa hin buqqiftuu?
Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu?
20Yaa isa nama eegdu,
yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha?
Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte?
Ani baʼaa sitti taʼeeraa?
21Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee
cubbuu koo illee naaf hin dhiifne?
Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii;
ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”
Copyright information for GazHAHl