Job 8
Bildaad
1Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 2“Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta?Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
3Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree?
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
4Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti,
inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
5Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte,
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
6yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate,
inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa;
jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
7Jalqabni kee xinnaa taʼu illee,
dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
8“Dhaloota darbe gaafadhu;
waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
9nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii;
baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
10Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii?
Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
11Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa?
Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
12Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin,
biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
13Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa;
abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada.
14Abdiin isaa akkuma salphaatti cita;
ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
15Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu;
itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
16Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti,
dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
17Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata;
kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
18Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu,
iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
19Kunis dhuma jireenya isaa ti;
biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
20“Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu;
yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
21Inni afaan kee kolfaan,
arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
22Warri si jibban salphina uffatu.
Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.”
Copyright information for
GazHAHl