Job 9
Iyyoob
1Iyyoob akkana jedhee deebise: 2“Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka.Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
3Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade
kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
4Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha.
Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
5Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa;
dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
6Lafa iddoo isheetii ni sochoosa;
utubaawwan ishees ni raasa.
7Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu;
urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
8Isa qofatu samiiwwan diriirsa;
dambalii galaanaa irras ni deema.
9Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee,
Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
10Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne,
dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
11Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu;
yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
12Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
13Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu;
warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
14“Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa?
Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
15Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu,
isaaf deebisuu hin dandaʼu;
abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
16Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee,
akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
17Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa;
madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
18Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee
akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
19Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha!
Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
20Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura;
utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
21“Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu,
waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu;
jireenya koos nan tuffadha.
22Wanni hundinuu tokkuma;
kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes,
isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
23Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti,
inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
24Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti,
inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa;
kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
25“Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata;
utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
26Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee,
akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
27Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa;
nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
28ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha;
akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
29Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee,
ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
30Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee
handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
31ati hamma uffanni koos na balfutti,
boolla keessa na dhidhimsita.
32“Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf,
inni akka koo nama foonii miti.
33Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu,
kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
34utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee
silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
35Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture;
haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.
Copyright information for
GazHAHl