Joel 2:28-32
Guyyaa Waaqayyoo
28“Anis kana booddee,Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.
Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;
jaarsoliin keessan abjuu abjootu;
dargaggoonni keessan mulʼata argu.
29Bara sana keessa, garboota koo
warra dhiiraa fi dubartii irratti illee
Hafuura koo nan dhangalaasa.
30Ani ol samii irratti dinqii,
gad lafa irrattis dhiiga,
ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
31Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi
sodaachisaan sun hin dhufin dura,
aduun dukkanatti geeddaramti;
jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
32Namni maqaa Waaqayyoo waammatu
hundinuu ni fayya;
akkuma Waaqayyo dubbatettis
Tulluu Xiyoon irraa fi
Yerusaalem keessa, furamatu jiraata;
hambaa gidduuttis warri Waaqayyo
isaan waame ni argamu.
Copyright information for
GazHAHl