‏ Joel 3

Sabootatti Murame

1“Bara sana keessa, yeroo sanatti,
ani yommuun boojuu Yihuudaatii fi

Yerusaalem deebisutti,
2saboota hunda walitti qabeen
gara Sulula Yehooshaafaaxitti

gad isaan nan buusa.
Anis achitti sababii dhaala koo,
sababii Israaʼeliif isaanitti nan mura;
isaan saboota gidduutti saba koo
bittinneessanii biyya koos gargar qooddataniiruutii.
3Isaan uummata kootti ixaa buufatanii
ijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru;
akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.

4“Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa. 5Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii. 6Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.

7“Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa. 8Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii. 9Waan kana saboota gidduutti labsaa:
Waraanaaf qophaaʼaa!
Gootota kakaasaa!
Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.
10Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa;
haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa.
Namni laafaan,
“Ani jabaa dha!” haa jedhu.
11Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattii
achitti walitti qabamaa.

Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!

12“Saboonni haa kaʼan;
isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan;
ani saboota gama hundaan jiranitti muruuf
achi nan taaʼaatii.
13Midhaan gaʼeeraatii
haamtuu itti kaaʼaa.
Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa;
boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii;
sababii hamminni isaanii guddaa taʼeef
boolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!”

14Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee
sulula murtii keessatti wal gaʼeera!
Guyyaan Waaqayyoo
sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.
15Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu;
urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan.
16 Waaqayyo Xiyoon irraa ni iyya;
Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa;
lafaa fi samiin ni raafamu.
Waaqayyo garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan,
saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.

Eebba Saba Waaqaatiif kenname

17“Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqni keessan Xiyoon keessa,
gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu.
Yerusaalem qulqulluu taati;
namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran.

18“Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu;
gaarranis aannan yaasu;
lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu.
Burqaan tokko mana Waaqayyoo keessaa
burqee sulula Shixiim ni obaasa.
19Gibxi garuu ni onti;
Edoomis duwwaa hafti;
isaan dhiiga nama yakka hin qabnee

biyyattii keessatti dhangalaasuudhaan
saba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii.
20Yihuudaan bara baraan,
Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati.
21Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sana
utuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa?
Lakkii, hin dhiisu.”

Waaqayyo Xiyoon keessa jiraata!
Copyright information for GazHAHl